Humna sammuu

Simbirtu barii avatar

Humni dhokataan sammuu dhala namaa keessa jiru humna akkamii
akka ta‟e hubachuun ka‟umsa sammuu ofiitti fayyadamuuf nama
affeerudha. Ejjennaa tolan darbatanii fageessu akkuma jedhamu, waa‟ee
sammuu sirriitti hubachuuf wantoota muraasa haa ilaallu.
Voolkaanoon lafa keessa dhohee yoo bahu teessuma lafaa jijjiiruun,
tulluu sulula, sululaa immoo tulluu taasisuu danda’a. Kana irra darbees
yaa’a bishaanii kallatti jijjiiruun boca lafaa akka biraa gochuu danda’a.
Kana malees gamoowwan gurguddaa dhabamsiisuus ni danda’a.
Dhagaawwan gurguddaa galagalchuufi mukkeen jijjigsuun
dhabamsiisuu danda‟a.
Boombii irra keessa isaa yoo ilaalan dhagaadhaan tokkuma. Akka jirutti
yoo darban nama miidhuu dhabuu mala. Garuu humni keessoo boombii
yoo socho’e garuu, maal gochuu akka danda’u tilmaamuuf ogeessa ta’uu
nama hin gaafatu.
Humni muka kibriittii takka keessa jirtu gaafa gara ibiddaatti yoo
jijjiirame, waan inni tolchus ta‟ee, wanta inni barbadeessuu danda’u
tilmaamuun nama hin rakkisu


Leave a comment

Design a site like this with WordPress.com
Get started