Dachee
Dhugaa kee hin haaluu
Beeka akka arjaa taatee
Garaan koo hin dagatuu
Sirra qotee akka nyaatee
Dadhabeera hin jettuu
Hundumtuu sirra kaataa
Jiraa kootti na baattee
Du’us situ na nyaataa
Rakkoo ilmaan namootaa
Dhugaa sirnaan hubattaa
Utuu afaan qabaattees
Seenaa baayyee dubbattaa
An gaaffiis sirraa qabaa
Naaf deebiftaa yaa lafaa
Ol adeemaa kichuun koo
Citee maaf karaatti hafaa?
Kaayyoo isaanii dabsitee
Dhugaa isaanii awwaaltee
Beekaafi hayyuu hedduu
Yaa dache maalif nyaattee
Abba haqaa maaf waamtaa
Dhiiftee gantuufi gadhee
Ejjennaa miilla Waaqaa
Yaa dache sin komadhee!

Leave a comment